W.B.O.
Ebbisa Addunya
5:15Ijoollee biyya keenyaa Geerar geerar nan jeettu Mee ka'ee geeraruuree Mee ka'ee geeraruuree Dhaamsa dabarfadhuu ree Sabab sababiin hima Sabab sababiin hima yaa ijollee Xiqqaan naa dhageefadhaa Gudaan naa qalbeefedhaa Sababiin buna hin fillu yaa ijollee Jabanaa galaafatee Sababiin awaanisaa Midhaan nu galaafatee Sababiin Goobanticha Gootakoo galaafatee Kan kaleessaa otuu jennuun Arr'as nutti of baafatee Malumaa malaan gorsaa Ammaa qaata of yaadate Amma qaata of yaadate Ishoo Yaa gaarreen biyya keenyaa Yaa wal waliff iyyaa jara koo Kan gaafotaa abboti keenyaa Korma sitti hin qalleeree Wagaga bara dheeraadhaaf Kool loon sittii hin galleeree Akkuuma nama qonnee Keenyaa maaf badee laataa Warra beelaas maaf taanee Mee akuma namaa loollee Mirga keenyas maaf dhabnee Nu maal yakkine laata Nu maal yakkine laata Nu maal yakkine laata Gaaguree onte taanee Bookeen nutti galte kaa Ilma dabeessa taanee Ilmoo dabeessa taanee Gadheen nutti taphte kaa Dinnichi baasaa baadee Dinnichi baasaa baadee Lafa keessattuu hafaa Naamni biyyaasaa hin lollee Kan ajjeesee hin dhibannee Numa keessattuu haffaa Ani isoo nan seeraa Mee an isoo nan seeraa Citaa xinnoo isaa tuullee Mee an isoo nan ajjeessa Shaniif ja'a taattullee Kudha-tokkoo taattullee Ishoo Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadeeraa Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadera WBO an siyaadera WBO ani si yaadera Nagaa keessa boqattee Huuroftee jibbee taate Beeloftee biyya baatee Muratte mataa cinii Gaafa Oromiyaa seentee Dinnicha hanqaaqu seetee Muuziifaa dhadhaa seetee Keena fa'a mi'eefatee Kunoo gaa loon kakattee Oromoo maa cal'iftee Sangaa, fardaa dulloomee Utaalchaa gaafasuu ree Ilmaa namaa gabroomee Booyichaa gaafasuu ree Boo'an billisoomuuree? Yoo bosona deemanii WBOti maqatanii Gaafas kan dubbatanii Gafaas kan jegnoomanii Gaafas kan dhiiromanii Ishoo Utuu fiinyoon hin jirre yaa ijjollee Fiinyoo dheeraan hin jirree Maaltu mukaa yaabbataa Maaltu mukaa yaabbataa Daama nyaachuuf abdata Utuu seenan hin jirree Yoona maaltu of yaadata Yoona maaltu of yaadata Enyuumaa saan dhaadataa Adaara yaa Oromoo Koree koree dhaabbadhaa Galmee seenaa qoradhaa Galmee seenaa qoradhaa Namni seenaa saa hin beenne Bishaan gabetee irraati Gara argetti jallataa Gara argetti jallataa Kolfi kolfi naan jedhu yaa ijjollee Kolfi kolfi naan jeedhuu Ilkaan maalii na kolfaa Obsi obsi naan jedhuu Garaa maalii na obsaa Afaan keenyaan dubbannee Afaan keenyaan dubbannee Keraa deemuu dadhabnee Yaa buna hin daraarinii Hamman harree bituttii Narraa arrabaa bitutii Yaa du'a nan waaminii Yaa du'a nan waaminii Yaa biyyoo nan nyaatinii Hammuma billisummaa Ija kiiyyaan arguttii Ija kiiyyaan arguttii Ishoo Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadeeraa Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadeeraa WBO an siyaadeeraa WBO ani si yaadeeraa Injiraanni na fixee Ciniin dhiiga na xuuxxee Ka'ee shiggiree bitee Offirraa haaduu laata Naa mee ishee gubuu laata Jarri nuu galuu didee Dirree keessa nu yaate Ka'e meeshaakoo fudhee Biyya ishee baasuu laata Utuu akka garaa kootii Biyyikoo Oromiyaa Harr'uma bilisoomti Akka garaa ta'aaree Maarqaan galaa ta'aree Yeroo ishee tura malee Billisoomutu oolaaree Billisoomutu oolaaree Ishoo Kan Oromoo maali laata yaa ijollee Haadhoon wal gaarreeffataa Wal harkaa nyaatee dhugee Wal harkaa nyaatee dhugee Dugda duubaan wal hamataa Akka waan alaa dhufee Kuttoodhaan wal qirqataa Maangudoon biyya keenyaa Mee, araara nuu kadhaa Abaarsa qabnaa laata Abaarsa qabnaa laata Ijja kootu na sirba yaa ijollee Maaluman arga laata Gurra kootu natti orsaa Maalan dhaga'a laata Ijji koo akka soonsaa Loltuu akka kanniisaa Loltuu akka kanniisaa WBO koo dhufaa laata Ammaa tola yoo tolee Yoo rafnaan abjuun tolee Yoo deemnaan millkiin tolee Harr'i maaliif halaakaa Halkan itti fakkaatee Hindaaqqoonis maalif iyyee Sinbirroon "cuucuu" jeettee Weeniinis kokoriisee Billisuumaaf fariftee Oromoo wal dammaqsaa Lafti bari'uu geesse Lafti bari'uu geesse Ishoo Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadeeraa Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadeeraa WBO an siyaadeeraa WBO ani si yaadeeraa Sin amanuu yaa harree Yaa harree duugda madaa Madaadhaan gangalattee Madaadhaan gangalattee Dhukkubbii dabalattaa Siin amanuu yaa gadhee Yaa gadhee gurra badaa Utuu keessa kee hin beennee Utuu qa'ee kee hin beennee Keessuma fuutee galtee Taajjaabbii dabalattaa Ijoollee biyyaa keenyaa Ijoollee biyya keenyaa Ijoolleen Oromiyaa Ijoolleen bahaa dhihaa Ijoolleen kaabaa kibbaa Ijoolleen bahaa dhihaa Tokkuumaadhaan qabsaa'aa Sarriin dhukkubsattee Lubbuun mormaaf geessee jirtii Awwaalaf qoqophaa'aa Awwaalaf qoqophaa'aa Awwaalaf qoqophaa'aa Ishoo Ijoollee biyya keenyaa Ijoollee Aanoo kooti Ijoollee Dambi kootti Ijoollee Booree kootti Hindaaqqoo qooxii guutuu Kormaa koon kessaa dhabee Hindaaqqoo qooxii guutuu Kormaa koon kessaa dhabee Hundumtuun waal haa guutuu Ummata mana guutuu ABOn keessaan dhabee WBO koon keessaan dhabee WBO koon keessaan dhabee WBO koon keessaan dhabee Baddaa Baalee taa'ani yaa ijoollee Baddaa Baalee taa'anii Qamadii dhabuun farraa Qamadii dhabuun farraa Garbu dhabuun salphinaa Akkas tattafatanii Akkas tattafatanii Gabrumatti hafuun farraa Mirga dhabuun salphinaa Surree koof shamizii koo Mataattan boraafadhee Dhiigakoo ishee ijoollummaa Dhiigakoo ishee ijoollummaa Bosonatti hobbaafadhee Bosonaa yaa qorra ishee Ganna yaa diilalla ishee Jajjabee jabinaa ishee WBOkee yaa obsaa ishee WBOkee yaa obsaa ishee WBOkee yaa obsaa ishee (Ishoo) Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadeeraa Geeshee, hubadhuu laalii Dullaa qabda yaa seeraa Seenii himadhuu maali WBO an siyaadeeraa Ahh WBO ani si yaadeeraa Waa WBO ani si yaadeeraa Ahh WBO ani si yaadeeraa Waa WBO ani si yaadeeraa Ana falmataa Gadaa Bonsaan sirna Abba Gadaa Yoo Oromoon tokko ta'ee Diini saa baqee badaa (Ana falmataa Gadaa) (Bonsaan sirna Abba Gadaa) (Yoo Oromoon tokko ta'ee) (Diini saa baqee badaa) Ollaan kee bilisoomtee Alaabaa ishee dhaabbattee Atiis mirkaneefachuu Akkamitti dagatte? (Ana falmataa Gadaa) (Bonsaan sirna Abba Gadaa) (Yoo Oromoon tokko ta'ee) (Diini saa baqee badaa) Iyyoolee leenci bosonaa as oolee (Iyyoolee leenci bosonaa as oolee) Iyyoolee ABOn dhufee as oollee (Iyyoolee ABOn dhufee as oollee) Iyyoolee ijoollee Baalee (Iyyoolee) Jabaadhaa malee (Iyyoolee) Ijoollee Arsii (Iyyoolee) Dhaamsa dabarsii (Iyyoolee) Ijoollee Jimmaa (Iyyoolee) Nu walii dhimmaa (Iyyoolee) Ijoollee Harargee (Iyyoolee) Jajjaboodha argee (Iyyoolee) Ijoollee Wallaga (Iyyoolee) Jajaabadhaa gaa (Iyyoolee) Ijoollee Guji (Iyyoolee) Jabaadhaa malee (Iyyoolee) Leenci bosonaa as oolee (Iyyoolee leenci bosonaa as oolee) Ana falmataa Gadaa Bonsaan sirna Abbaa Gadaa Yoo Oromoon tokko ta'ee Diini saa baqee badaa (Ana falmataa Gadaa) (Bonsaan sirna Abbaa Gadaa) (Yoo Oromoon tokko ta'ee) (Diini saa baqee badaa) Eritraan bilisoomtee Alaabaa ishee dhaabbattee Atiis mirkaneefachuu Akkamitti daggatte? (Ana falmataa Gadaa) (Bonsaan sirna Abbaa Gadaa) (Yoo Oromoon tokko ta'ee) (Diini saa baqee badaa) Iyyoolee leenci bosonaa as oolee (Iyyoolee leenci bosonaa as oolee) Iyyoolee ABOn dhufee as oollee (Iyyoolee ABOn dhufee as oollee) Iyyoolee Ijoollee Shawaa (Iyyoolee) Mee diina dhawaa (Iyyoolee) Ijoollee Walloo (Iyyoolee) Jabaadhaa maaloo (Iyyoolee) Gojjam Matakkal! (Iyyoolee) Seenaa ketta gaa (Iyyoolee) Ijoollee Booree (Iyyoolee) Akkam goottan ree (Iyyoolee) Ijoollee Mattuu (Iyyoolee) Sirna dabarsuu (Iyyoolee) Biyya alaa kessaa (Iyyoolee) Nu jajjabeessaa (Iyyoolee) Tokkumma uuma yaa ijoollee (Iyyoolee leenci bosonaa as oolee) Iyyoolee leenci bosonaa as oolee (Iyyoolee leenci bosonaa as oolee) Tokkumma uuma yaa ijoollee ABOn dhufee as oollee Leenci bosonaa as oolee ABOn dhufee as oollee Leenci bosonaa as oolee ABOn dhufee as oollee Leenci bosonaa as oolee