Nan Gaabbe
Haacaaluu Hundeessaa
4:05Ajaa... ajaa'iba mee nama too Xinnaa guddaanis waa martuu Obsi koo obsi koo naafuu raajii dha Otoon miidhamuun jiraadha Obsi koo naafuu raajii dha Otoon miidhamuun jiraadha Jaalalti anaaf haaraa dha Kanaaf keessi koo miidhame Natti hin murteessin yaa jamaa Furmaata dhabee rakkame Beekaa na miiti isheenoo Moo'amuu kiyya hubbatte Akkan hin dandeenye garaan koo Hin beekti kanaaf roorrifte Ana gaabba moo ishii gaabba Wanti hundi silaa ni darbaa Garaa naaf kenne ishiif kenne Waanuma yaanni ishii gootu Otuman laalee maal qaba? (Isheen silaa) maal rakkattee (Isheen silaa) hin qoosti hoo! (Isheen silaa) jaalatamtuu (Isheen silaa) hin boonti hoo! (Isheen silaa) maal rakkattee (Isheen silaa) hin qoosti hoo (Isheen silaa) jaalatamtuu (Isheen silaa) hin boonti hoo (Isheen silaa) (Isheen silaa) Hin qoosti hoo (Isheen silaa) (Isheen silaa) Hin boonti hoo Ajaa... ajaa'iba mee nama too Xinnaa guddaanis waa martuu Obsi koo... obsikoo naafuu raajii dha Otoon miidhamuun jiraadha Obsi koo naafuu raajii dha Otoon miidhamuun jiraadha Lakkii mee lakkii mee Lakkii gocha kee kanas hubadhu An sirraa citee hafuu dhaaf Garaa koo didee maal godhu? Jiruun dachee kuni furiidha Gaaf-sana gaaffii hin hanqattu Xuruurfata boossa sitti hime Gumaan miskiinaa hin haftu Ana gaabba moo situ gaabba Wanti hundi silaa ni darba Garaa naaf kenne siif kenne Waanuma yaannii si gootu Otuman laalee maal qaba? (Ati silaa) maal rakkatte (Ati silaa) hin qoosta hoo! (Ati silaa) jaalatamtuu (Ati silaa) hin boonta hoo! (Ati silaa) maal rakkatte (Ati silaa) hin qoosta hoo (Ati silaa) jaalatamtuu (Ati silaa) hin boonta hoo (Ati silaa) (Ati silaa) Hin qoosta hoo (Ati silaa) (Ati silaa) Hin boonta hoo...!