Hundaa Danda'A
Yaadasaa Shirii
6:25Shakaayinaa Galata Seelkoo sidee hin dhufu garaa hir'uu akka Qaayiniin. Kan guutee dambali'e malee garaa guutuu akka Abeli. Gaara koo isa dheeraa sanarratti si qofan moosisa. Urgooftuu isa gat-jabeessa ani siifan buqqisa. Isa filatamaa fi anagafa kan kee yaraa miti. Galatni koo si'iif danuu dha lakkii xinnoo miti. Mootii fayyinaa galatoomi.(2x) Sii fidee qooqa bareedaa. Sii fidee aarsaa galataa. Sii fidee kunuu sin gitu. Yesuus abdii dhalootaa. 1,Waan hundaa keessaa kan na dhibu sitti amanadha fayyuu kooti. Ulfinni kana caalu hin jiru kaak kaan waan haaraa miti. Gonfoo fayyinaa narra keesse isa waa'eebkootiif caafame. Yesuus koo ergan kan kee ta'ee bara kootu haareffame. Sodaa diinaa jalaa ba'eera. Laga du'aa sanas ce'eera. Biyyi lafaa ofii maggala. Isa na keessa jirutu caala.(3x) Mo'eera(2x) an sii wajjin mo'eera. Mo'eera(2x) mana keetti ol galeera. Ulfaadhu(2x) Yesuus koo naaf ulfaadhu. Aarsaa koo kennaa koo simiitii naa fudhadhu. 2,Narra bule narratti hafe araarri kee. Iddoo naa malle naaf kenne ayyaanni kee. Ani si godheera naan jette ibsaa haara irraa. Balbala natti cufame bante narraa. Ani mucaa kee michu. Dafqa keerraan argame. Lubbuun kee naaf dhiphatte. Dhaqni kees naaf dhaaname. Yoo akkamiin siif hojjedhe. Kee kanan baasu gatii. Garuu beeka hin tuffattu. Galata koo xiqqittii. Yesuus koo abbaa. Mi'aa keen qaba. Galata maafan dhaba. Yesuus koo masii. Galata bissii. Kan kee jecha garasi. 3,Situ ariifatee na baase onaa bakkee. Ikaabood iddoo hafuurri kee irraa sokke. Miilla koo situ dhaabachiise iddoo qabbanaa. Iddoo ulfinni kee guute Shakaayinaa. Iji koo naaf baname. Qoolashee narraa gatte. Mirga kee na keesseetta. Iddoo natti jijjiirtee. Caaffata natti hin tolle. Kan narratti caafame. Duguugamee badeera. Fannootti cinqaaramee. Yesuus koo abbaa. Mi'aa keen qaba. Galata maafan dhaba. Yesuus koo Masii Galata bissii. Kan kee du'a garasi.