Araddaa Tufaa
Samson Zinabu
4:09YAA SHUUR AKOO Yaa Shuurakoo 2 Ruufa marattee! Maaf dhaabatta ofgattee? Goodaa Koluu, Gaaleen qoluu Kan dhibaafattee siif haa tolu! Harkikoo Meedhacha - Hoohoo - Yaaheehee Lootiidha gurrikoo - Hoohoo - Yaaheehee Addikoo Kallaacha - Hoohoo - Yaaheehee Mootiidha warrikoo - Hoohoo - Yaaheehee Gurraacha Afrikaa - Hoohoo - Yaaheehee Liiban biyyanuma - Hoohoo - Yaaheehee Warra Gadaan bulu - Hoohoo - Yaaheehee Oromtichi numa! - Hoohoo - Yaaheehee Yaa gurraachakoo harka Meedhachaa Dubbittii bulte dhuftu eeggachaa Sirrii - siririi Marraaga sirrii Marfadhu bahi, randa hin dhiibiini Mari'adhu malee fira hin kooriini Sirrii - siririi Marraaga sirrii Yaa 'joolle tolee - Ayizzoo Yaa ijoolle tolee - Ayizzoo Qeerransa hin miiccani - Ayizzoo Boroborii ta'a - Ayizzoo Ormaaf walkennanii - Ayizzoo Boru komii ta'a - Ayizzoo Ibiddaan taphataa - Ayizzoo Gubattee hin agarre - Ayizzoo Mataat bada malee - Ayizzoo Maqaat hin dabarre - Ayizzoo Daaleen kankoo 5 Hiriyaan kankoo 2 Liicheen 5 Booreen kankoo 2 Maalan yaadda'a? Nan yaaddessa malee, Eenyuufan na'a? Nan naasisa malee Maalan naanna'a ? Nan naannessa malee Maalan yeella'a? Nan yeellessa malee Eenyuufan na'a? Nan naasisa malee Maafan yaadda'a? Nan yaaddessa malee Maalan leeyya'a? Nan leeyyessa malee Maafan shaanka'a? Nan shaankessa malee! Sagaleetoo sagalee 4 Dhaga'i siif dabale Hinta'u heera malee Walta'uun seera malee Oromoon toora galee! Hiriyeen toora gale! Yaa Shuurakoo yaa Shurshuraa Sanyii'n gurguranii hooda maafan gurgura? Yaaddee Bokkuu hin dhaadiini Mataa Ruufa hin qabnettu Kallacha hin hidhani! Qaccee foota hin jennee? - Hoohoo 2) Yaaheehee 2 Qaccee bobaa jalaa - Hoohoo - Yaaheehee Boolla Awwaaldiigessaa - Hoohoo - Yaaheehee Bulguut itti gala - Hoohoo - Yaaheehee Qonnaan qoti Garbuu - Hoohoo - Yaaheehee Boobeen galaa'n ta'u - Hoohoo - Yaaheehee Raachi keessaa wacceef - Hoohoo - Yaaheehee Haroon randa hin ta'u! - Hoohoo - Yaaheehee Laal gurraachakoo akkam gootaree? Meedhacha'n ta'u bar gogaan harree! Sirrii - siririi Marraaga sirrii Wal safeeffannaa yaa ija mukee Bubbultee dhuftii dubbittiin lukeee Yaa 'joolle tolee - Ayizzoo! Yaa ijoolle tolee - Ayizzoo! Qaxxaamurree fardaa - Ayizzoo Adiin garaa jalaa - Ayizzoo Kan badii baasantu - Ayizzoo Badii namaa mala - Ayizzoo Yaa Qonyee naaqoti - Ayizzoo Jibootan camade; - Ayizzoo Yaa Onnee naaloli - Ayizzoo Badduut nabadadee! - Ayizzoo Daaleen (kankoo (5) Hiriyaan (kankoo (2) Liicheen (kankoo (5) Booreen (kankoo (2) Maalan yaadda'a? Nan yaaddessa malee, Eenyuufan na'a? Nan naasisa malee Maalan naanna'a ? Nan naannessa malee Maalan yeella'a? Nan yeellessa malee Eenyuufan na'a? Nan naasisa malee Maafan yaadda'a? Nan yaaddessa malee Maalan leeyya'a? Nan leeyyessa malee Maafan shaanka'a? Nan shaankessa malee!