Ajaa'Iba
Haacaaluu Hundeessaa
4:43(Hoofan hoofan) hoofan (hoofan) haadha biyyaa (Hoofan) hoofan (hoofan) abbaa biyyaa (Hoofan) hoofan (hoofan) barataa koo (Hoofan) hoofan (hoofan) barattuu koo (Hoofan) hoofan (hoofan) qotee bulaa (Hoofan) hoofan (hoofan) abbaa biyyaa Karaa baay'ee qabna yoom nu dhibe karaan irra deemnu Silaa numa deemna numa deemna Maalif galma hin geenyu Karaa nu qabe moo garaadhalaa Maaf gahuu dadhabne Duunee gumaa dhabne Lammiikoo ammawoo nuu game Roorroon nutti hammaatte Sabakoo ammawoo nuu game Duunee gumaa dhabne Lammiikoo ammawoo nuu game Akka waan lollee lolchiisuu Tasuma hin dandeenye Akka diina lollee ofirraa Qolachuu dadhabnee Garaa laafnee buluu keenyaan Diinaaf salphaa taane Jaarraa tokkoof du'aa turre Kunoo har'as duune Maal mallisaa maal mallisaa Maali egaa mallisaa Maal mallisaa maal mallisaa Maali malli mallisaa Tokko hin du'aa tokko hin ajjesisaa Dhufaa darbaan dhoohee numaan cabsaa Kenya ammallee sanuma sanessa Maal malliisaa kenya maal mallisaa Karaa baay'ee qabna Yoom nu dhibe karaan irra deemnu Silaa numa deemna numa deemna Maalif galma hin geenyu Karaa nu qabe moo garaadhalaa Maaf gahuu dadhabne Duunee gumaa dhabne Lammiikoo ammawoo nuu game Roorroon nutti hammaatte Lammiikoo ammawoo nuu game Roorroon hin hammaatte Lammiikoo ammawoo nuu game Hayyuuf goota meeqa arjoomne Kunoo har'a geenye Anoleef Calanqoora tarraan Bishooftuutti raajii taane Garaa laafnee buluu keenyaan Diinaaf salphaa taane Waggaa dhibbaaf du'aa turre Kunoo har'as duune Maal mallisaa maal mallisaa Maali egaa mallisaa Maal mallisaa maal mallisaa Maali malli mallisaa Tokko hin du'aa tokko hin ajjesisaa Dhufaa darbaan dhoohee numaan cabsaa Kenya ammallee sanuma sanessa Maal malliisaa kenya maal malliisaa Maal mallisaa maal mallisaa Maali egaa mallisaa Maal mallisaa maal mallisaa Maali malli mallisaa maal mallisaa Harargeen mancaa qarran Harargeen mancaa qarran jidda farda leenjise Roorroon daangaa dabarraan Qeerroon falma murteesse Qeerroon falma murteesse Addaggeen safuu hin beektu Addaggeen safuu hin beektu Addarra dhaaban malee Falmadhu qeerroo suma Abdiin sabaa yoomillee Si beekuuf bar shororkawu Kanaaf garaa jabaatu Irreef humna qabaniin Ijibbaata falmatu Siin miyi farda keeyyuu Hin beeku bareechanii Gaafa gaarreen Adawaa Gaafa Maqalee sanii Gameessakoo yaa Abba Daamaa Yaa Abbaa Daalee yaa Abbaa Shaanqoo Soori fardakee qopheessi Eebookee qari soroorsi Gaachana fannoorraa buusi Roorroo didee sirra marse Maaliif duuta mana teessee Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu fardakeen falmi Araat kiloof situ aane Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu fardakeen falmi Araat kiloof situ aane Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu mancaakeen loli Araat kiloof situ aane Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu fardakeen falmi Araat kiloof situ aane Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu fardakeen falmi Araat kiloof situ aane Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu fardakeen falmi Araat kiloof situ aane Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu mancaakeen loli Araat kiloof situ aane Alaa eegaa hin abjootiin Abjuu hin taane Kaafadhu fardakeen falmi Araat kiloof situ aane