Notice: file_put_contents(): Write of 635 bytes failed with errno=28 No space left on device in /www/wwwroot/muzbon.net/system/url_helper.php on line 265
Hachalu Hundessa - Oromiyaa | Скачать MP3 бесплатно
Oromiyaa

Oromiyaa

Hachalu Hundessa

Альбом: Oromummaa
Длительность: 6:35
Год: 2011
Скачать MP3

Текст песни

Nan hima nan himaa
Nan hima waa'ee kee
Hin callisuu argee
Oromiyaa tiyyaa
Biyya hayyuu qaroon
Biyya gootni mirren
Dachee kee irraa margee
Nan hima nan hima
Qabda seenaa cimaa

Nan hima nan hima
Qabda seenaa cimaa
Nan hima nan himaa
Nan hima waa'ee kee
Hin callisuu argee
Oromiyaa tiyyaa
Biyya hayyuu qaroon
Biyya gootni mirren
Dachee kee irraa margee
Nan hima nan hima

Qabda seenaa cimaa
Nan hima nan hima
Qabda seenaa cimaa
Kan sittii baqateef
Kan sirraa dhalatees
Ija tokkoon ilaaltaa
Ormaaf fira hin jetuu
Kan beela'eef laattaa
Hundaaf garaa laaftaa
Fuula toleetii ko

OROMIYAA
Hunda haamaatuu ko
OROMIYAA
Qabaattee hin waakkattuu
OROMIYAA
Rakkataa kee hin gattuu
OROMIYAA

Fuula toleetii ko
OROMIYAA
Hunda haamaatuu ko
OROMIYAA
Qabaattee hin waakkattuu
OROMIYAA
Rakkataa kee hin gattuu
OROMIYAA

Kannii horee qabuu
Isinii hambaan ko
Otoon qabuu dhabuu
Maaf ta'ee carraan ko
Kutaadhaaf amantiin
Maaliif wal qoqqoodduu
Ilmaan haadha tokkoo
Maaliif waliin oodduu

Maaloo ya ilmaan koo quxusuu
Maaloo ya ilmaan koo hangafaa
Maaloo ormayyuu guddisee
Dabarseefi boonsee
Maa dabaree dhabaa
Jettee oromiyaan
Jettee harmeen boosee

Hin boo'iin oromiyaa tiyyaa
Hin boo'iin sooreekoo sooreettii
Hin boo'iin otoo nuti jirruu
Hin hafatuu booddeetti
Biyya KOO oromiyaa tiyyaa
Biyya KOO sooreekoo sooreettii
Biyya KOO otoo nuti jirruu
Biyya KOOHin hafatuu booddeetti
Biyya KOO

Nan hima nan himaa
Nan hima waa'ee kee
Hin callisuu argee
OROMIYAA tiyyaa
Biyya hayyuu qaroon
Biyya gootni mirren
Dachee kee irraa margee
Nan hima nan hima

Qabda seenaa cimaa
Nan hima nan hima
Qabda seenaa cimaa
Finca'aafi Gibeen
Suma keessa jiruu
Dachee keeraa jiruu
Dukkana biyyarra
Ifatti jijjiiruu
Ifatti jijjiruu

Bunaaf albuudni kee oromiyaa
Madda galii biyyaa oromiyaa
Maal dhabdee rakkataa oromiyaa
OROMIYAA TIYYA
Ya boonsituu tiyyaa oromiyaa
Bunaaf albuudni kee oromiyaa
Madda galii biyyaa oromiyaa
Maal dhabdee rakkataa oromiyaa
Ya boonsituu tiyyaa oromiyaa

Jiituu boonaaf gannaa
Kan uumamaan toltee
Jannata ardiittii
Kamtuu siin qixxaatee
Qabeenyaa kee gamtaan
Eggannee guddifnaa
Dureettii ta'uukee
Addunyaaf mullifnaa

Egaa oolmaan kee dachadhaa
Egaa yoom himamee dhumaa
Egaa qabda seenaa boonsaa
Kumaatama kumaa
Haadha jechuun biyya jechuun
Anaaf oromiyaa dhumaa

Biyaa koo
Biyya sirna gadaa Biyaa koo
Maddaa wal-qixxummaa biyya koo
Gaaddisa odaan kee biyya koo
Mallattoo eenyummaa hib boo'iin
Oromiyaa tiyyaa hin boo'iin
Sooreekoo sooreettii Hin boo'iin

Otoo nuti jirruu Hin boo'iin
Hin hafatuu booddeetti Biyaa koo
Biyya sirna gadaa Biyaa koo
Maddaa wal-qixxummaa Biyaa koo
Gaaddisa odaan kee Biyaa koo
Mallattoo eenyummaa
OROMIYAA TIYYA